1. lubbuun akka hin jirre beektuu?Vaayirasiin lubbu qabeeyyii miti—lubbuu kan hin qabnee fi seelii kan hin qabnedha. Kana jechuun “nyaata gara anniisaatti jijjiiruu hin danda’an, keessummeessituu malee immoo paakeeti keemikaalaa hin sochoone qofa” akka ta’e barruu Discover Magazine jedhutti.
2. Re'oonni sammuu miiraa akka qaban beektu
Qorannoon akka agarsiisutti re’oonni naannoo keessa jiraniif hawaasummaan ni beeku. “sagalee isaanii dhaggeeffachuudhaan gammachuu ykn mufannaa re’oota biroo adda baasuu danda’u,” jedha Nashinaal Ji’ogiraafiik.
3. Gogaan keenya bishaan keessaa maaliif akka kurruufu beektu?
Gara daqiiqaa shan bathtub keessa erga turtanii booda, harkaa fi miila keessan irratti qinxirii xixiqqoo uumamuu isaanii hubachuu jalqabda. Maaliif akkas ta'e? Qorattoonni haala baayoloojii qaamni yeroo haala lilmoo keessa jiru qabachuu itti danda’u akka ta’e tilmaamu. Akkasumas karaaleen addaa gogaan namaa itti qinxiru sirna bishaan lagaa baasu waliin wal fakkaatu arganii jiru.
4. Kaarboohayidireetii akka hirriba sitti ulfaatu beektaa?
Maatii keessan keessaa namoonni hundi nyaata guddaa erga nyaatanii booda maaliif akka of wallaalan yaaddee beektaa? Nyaata mijataa irra caalaan isaa kaarboohayidireetii kan of keessaa qabu yoo ta’u, kaarboohayidireetii ammoo amiinoo asiidii tiriiptoofaan jedhamu kan hirriba namatti fiduu danda’u of keessaa qaba.
0 Comments